Qaamoleen Irreecha jeequuf turan 503 meeshaalee addaddaa waliin to’atamuu Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) – Qaamoleen Irreecha jeequuf turan 503 meeshaalee addaddaa waliin to’atamuu Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.
Janaraal koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Oromiyaa Koomaandar Araarsaa Mardaasaan ibsa laataniin akka beeksisanitti, humnootiin Irreecha jeequuf socho’aa turan 503 to’atamaniiru.
Hanga ammaatti poolisiin namoota ayyaanicha dirree jeequmsaa taasisuuf socho’an namoota 503, Kilaashii 14, boombii harkaa 26 fi Shugguxii 103 too’annaa jala olchuu ibsaniiru.
Ummanni qaama nageenyaa waliin ta’uun humnoota Adda Bilisummaa Ummata Tigraay fi ABO Shanee irraa ergama fudhachuun socho’an dura dhaabbachuu qabaanis dhaamaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment