Finfinnee, Bitootessa 11, 2017 (FMC) – Qaamoleen hidhatanii bakkeewwan garaagaraa keessa socho’an Barnootarratti gufuu ta’uu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Mootummaan hanga danda’ameefitti damee barnootaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jiraachuu eeranii, haa ta’u malee qaamoleen hidhatanii bakkeewwan garaagaraatti socho’an gufuu ta’uu ibsaniiru.
Qaamoleen kunneen hin baratiinaa, hin wal’aanamiinaa akkasumas hin qotiinaa warreen jedhanii hawaasa rakkisan ta’uu eeraniiru.
Mootummaan carraawwan argamaniin suphaafi ijaarsa manneen barnootaa irratti hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Qaamolee doofaa waliin wal waraanaa jirra kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, qaamoleen kunneen uummataa hin qabsoofnaaf jedhan miidhaa jiraachuu ibsaniiru.
Barbaachisummaa barnootaa irratti mootummaan amantaa cimaa qabaachuu kaasuun, fuuldurattis uummata waliin ta’uun irratti ni hojjenna jedhan.