Qaamoleen haqaa itti gaafatamummaa isaanii karaa walaba ta’een akka bahan gaafatame

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Qaamoleen haqaa giddu seentummaarraa karaa bilisaa fi walaba ta’een itti gaafatamummaa isaanii akka bahan Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoon hubachiisan.

Raawwiin Hojii Baatiwwan saglan darbanii Manneen Murtii biyyaalessaa fi Tiraanisfoormeeshinii Damee Haqaa gamaaggamamaa jira.

Sirna haqaa bilisaa fi walaba taasiisuun olaantummaa seeraa kabachiisuu, haqaa mirkaneessuu, nageenyaa fi dhimmoota hawaas diinagdeef wabii ta’a jedhan Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoon.

Waltajjichaan gabaasni raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii kan dhiyaate yoo ta’u, gabaasa dhiyaaterratti mariin taasiifamaa jiraachuu ragaan mana maricharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment