Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC)- Qaamoleen garagaraa lammiilee naannoo Affaaritti waraanaa miidhamaniif deeggarsa taasisaaniiru.
Ityoophiyaanoonni Swiizaarlaand jiraataanii fi Somaaliyaatti kan bobba’aan humna nagaa kabachiisaa bahaa Afrikaa lammiilee naannoo Affaariitti waraanaan miidhaan irra ga’eef deeggarsa taasisaniiru.
Lammiilee fi dhalattoonni Ityoophiyaa Siwiizaarlaand jiraataan lammiilee miidhaan irra ga’eef deeggarsa Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 1 fi kuma 47 taasisaniiru.
Deeggarsichas Itti aantuu Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Zaahiraa Umaadiif laataniiru.
Haaluma wal fakkatuun Somaaliyaatti kan bobba’aan humni nagaa kabachiisaa bahaa Afrikaa deeggarsa gosa garaagaraa Birrii kuma 700 fi kuma 52 ol taasiseera.
Qiddist Birhaanuutu gabaase
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.