Finfinnee, Eebila 15, 2014 (FBC)-Dhaabbileen deeggartoota meeshaalee yaalaa naannoo Tigraayiif dhiyeessan kaayyoo barbaadameef akka oolan mirkaneessuu qabu jedhan Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Mitikkuu Kaasaa.
Komishinar Mitikkuu Kaasaa mootummaan Ityoophiyaa dhaabbilee gargaartootaaf haala mijaata uumuun naannoo Tigraayiif deeggarsi akka qaqqabuuf hojjecha jira jedhan.
Hanqinni qorichootaa fi yaalaa naannoo Tigraay qofa osoo hin taane guutummaa Ityoophiyaatti kan muudatu ta’uu himun, dhimmi naannoo Tigraay dhimma siyaasaa taasisuu qaamoleen barbaadan rakkinnicha kan naannoo Tigraayi qofa fakkeessuun dogoggora ta’uus hubachiisaniru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.