Qaamolee sabaa fi amantaa dawoo godhachuun jeequmsa uumuuf socho’anirratti tarkaanfii cimaa ni fudhatama- MNK

Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC)- Qaamolee sabaa fi amantaa dawoo godhachuun jeequmsa uumuuf socho’an irratti tarkaanfii cimaa kan fudhatu ta’uu Mootummaan Naannoo Kibbaa beeksiseera.

Mootummaan naannichaa ibsa laataneen, Ityoophiyaan afaan adda addaa kan keessatti dubbataman, aadaa hedduu, seenaa fi amantalee adda addaa biyya qabdu ta’uu fi wal kabajuu, waldanda’uufi waldeeggaruu akkasumas mallattoo tokkummaa sabdaneessummaati malee miidhaa namoomaa fi meeshaa qaqqabsiisuu sababa ta’uu hin malu jechuun ifoomseera.

Diinoonni biyyaa keessaafi ala jiran guddina biyya keenya gufachiisuuf shira xaxuun akkasumas cancala diriirsuun humna qaban hunda fayyadamaa jiru jedha ibsi kun.

Shira isaanii milkeessuuf immoo kan isaan fayyadaman keessaa tokko amantii dawoo godhachuun cinatti humnoota alaa waliin qindoomuun badii qaqqabsiisuuf hojjetaa jiraachuu eereera.

Hawaasa Musliimaa fi Kiristiyaanaa waldanda’uun, wal kabajuu fi wal tumsuun barootaaf jiraachaa turan gidduutti walitti bu’iinsa uumuun amantii dawoo godhachuun kaayyoo badii isaanii raawwachuuf shirri humnoota badiin xaxame hirmaannaa hawaasaan miidhaan guddaa osoo hin gahiin fashaleessuun danda’ameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment