Qaamolee nageenya biyyaa jeeqan ittisuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Nageenya biyyattii mirkaneessuuf ummaata Ityoophiyaa waliin qaamolee biyyaatti jeeqan ittisuun barbaachisaa ta’uu Bulchiinsi Magaala Dirree Dawaa ibse.

Weerara garee ABUT’n banamee ittisuuf marii mata duree “ Kabajaa biyyaaf waliin haa gamtoomnu’’ jedhuun abbootti amantaa, abbootii gadaa , ugaazootaa fi jaarsolii biyyaa waliin yaa’iin hubannoo uumuu Magaalaa Diree Dawwaatti gaggeefameera.

Yaa’icharratti Kantibaan Magaala Dirree Dawaa Obbo Kaadir Juhaar kayyoon marichaa humni ABUT harka nageenyaa diriireef cinaatti dhisuun weerara bane qolachuuf hunduu gahee gama isaa baahachuu akka qabu ibsan.

Weerara baname qolachuuf akkaataa mootummaan kaa’een, nageenya ummataa eeguun murteesaa ta’uu himaniiru.

Hirmaattonni marichaas gama isaaniin nageenyaa biyyaa fi jijjiirama jiru itti fufsisuuf dirqaama isaani akka bahaatan himaniiru.

Dabalataanis, ummanni naannoo isaa dammaqinaan eeguu fi hojii misoomaa itti fufsisuuf dhibbaa diinagdee dhufuu malu dandamachuu akka qabanis eerameera.

Nageenyaa Ityoophiyaa eegsisuuf lubbuu isaa wareegaa kan jiru Raayyaa Ittisaa Biyyaafis deeggarsa akka taasisan waamichi dhiyaachuu ragaan biiroo kominikeeshiinii bulchiinsa magaala Diree Dawaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment