Qaamolee naannichaa giddugalaa waraanaa fi hokkora taasisuuf socho’an irratti tarkaanfii akka fudhatu naannoon Hararii beeksise

Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC)- Qaamolee naannichaa giddugalaa waraanaa fi hokkora taasisuuf socho’an irratti tarkaanfii akka fudhatu naannoon Hararii beeksiseera.

Qaamolee amantaa fi saba dahoo godhachuun walitti bu’iinsaa fi hokkora uumuuf socho’an irratti tarkaanfii seeraa akka fudhatu Mootummaan Naannichaa beeksiseera.

Mootummaan Naannoo Hararii haala yeroorratti ibsa baaseera.

Ibsichaanis qaamolee amantaa fi saba dahoo godhachuun walitti bu’insa uumuuf socho’an irratti tarkaanfii seeraa akka fudhatu Mootummaan Naannichaa akeekkachiiseera.

Naannoo Hararitti ummattoota baroota dheeraaf nagaan, jaalalaan, waldanda’uun fi tokkummaan jiraachaa kan turee fi jiraachaa jiru adda qooduu fi walitti buusuufi naannicha giddugala waraanaa gochuuf qaamolee sochii taasisaa jiran irratti tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’uu eereera.

Mootummaan Naannichaa olaantummaa seeraa fi nageenya lammiilee kabachiisuuf cimee kan hojjetu ta’uus hubachiisuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment