Qaamolee Milkaa’ina Fooramii Magaalotaa Afrikaaf gumaachaniif beekkamtiin kenname

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)- Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Qaamolee Milkaa’ina Fooramii Magaalotaa Afriikaaf gumaachaniif beekkamtii kenneera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeerichaa Aadde Caaltuu Saaniin argamuun qaamolee gumaacha taasisaniif beekkamtii fi warqaa ragaa kennaniiru.

Aadde Caaltuun haasawaa taasisaniin, Fooramii Magaalota Afrikaa qaamolee tumsitootaa waliin ta’uun akka milkaa’u taasisuun, Itiyoophiyaan sagantaalee idil addunyaa biroo qopheessuuf humna qabdu kan argisiisuudha jedhan.

Waltajjicharraa waan hedduun kan baratame, dandeettii fi muuxannoo jiru obbolootaa Afriikaaf kan qoodame ta’uu kaasuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Kana malees beekumsa biyyaalessaa qabnu hawaasa idil addunyaatti argisiisuun, carraa kun Itiyoophiyaanotaaf abdii olaanaa kan qabu kennaa bara itti aanuuti jedhan.

Qaamolee milkaa’ina fooramichaf gumaachan hundaas galateeffataaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment