Akka Biyyatti damee konkolaataa elektirikiin hojiileen hojjetaman jajjabeessadha-Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC)– Akka biyyaatti damee konkolaataa elektirikiin hojiileen hojjetaman jajjabeessaa ta’uu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen dubbatan.

Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii, Ministeera Indaastirii waliin ta’uun Sanada Tarsiimawaa Hojiirra Oolamaa Konkolaattota Humna Haareffamaa qophaa’e koree teekinikaaf dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Marichis sharafa alaa boba’aaf ba’u fi faalama qilleensaa hambisuuf konkolaattota elektirikii bal’inaan haala hojiirra oolchuun danda’amu uumuuf kan kaayyeefate ta’uun himameera.

Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen gama isaaniin konkolaattota elektirikii biyya keessatti oomishuu fi kurfeessuutti dabalataan, hojiileen bu’aa qabeeyyiin eegalaman akka itti fufaniif qindoominni dhaabbilee barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii Hasan Mahaammad, qaamolee konkolaattota elektirikii indaastiriiwwan omishaa biyya keessaatti oomishuun faayidaarraa akka oolan taasisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan.

Haaluma kanaan imaamataa bocurraa eegalee dhiyeessii bu’uuraalee misoomaa fi deeggarsa biroo taasisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Indaastiriiwwan oomishaas teeknooloojicha gama fayyadamuutiin biyyoota adda duree ta’aniirraa muuxannoo qooddachuuf haalli kan mijatu ta’uu akeekuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment