Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC) – Qaamolee gurmaa’uun karaa seeraan alaa mootummaa kuffisuuf hojjetanirratti tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufuu Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaa beeksise.
Sirna heera mootummaa humnaan diiguufi kaayyoo badiisaanii galmaan gahuuf ajjeechaa hooggansa mootummaa olaanaarratti fuulleffachuun hawaasa keessatti miira sodaafi shororkeessummaa uumuuf kanneen socho’aa turan gochi badiisaanii fashalaa’aa jiraachuu humnichi ibseera.
Walloo Kaabaa bosona tekulesh jedhamu keessa meeshaaleen waraanaa garaa garaa lafa qotuun dhoksee ture to’atamuu ibseera.
Gareen seeraan alaa kun waamicha karaa nagaa dhihaataafii turerra tarkaanfachuun hojii badiisaa itti fufuu yaale qindoomina humna waloo kanaan fashalaa’aa jiraachuu eereera.
Biyya keessaafi ala taa’uun maallaqaafi ololaan gocha badii kanaaf kanneen tumsanis to’atamaa jiraachuu ibseera.
Meeshaalee waraanaa seeraan alaa kana dura qabaman dabalataan guyyaa kaleessaas meeshaaleen waraanaa dhokfaman argamuu ibseera.
Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaa finxaaleyyii kanneen seeratti dhiyeessuufi ergama badiisaanii fashaleessuuf hojii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu beeksiseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.