Qaamolee gatii hinmalle dabalanii fi oomisha dhoksanirratti hojiin seera kabachiisuu ciminaan ni hojjetama-Aadde Adaanech

Finfinnee, Adoolessa 28, 2016 (FBC)- Omishaalee kallattiin sharafa alaan hidhata hinqabnerratti qaamolee gatii hinmalle dabalanii fi omisha dhoksanirratti hojiin seera kabachiisuu fi to’annoo cimaan kan hojjetamu ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeeben ibsan.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti hawaasaa daldalaa fi hoggantoota bulchiinsa magaalatti akkasuma bakka Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi argamanitti, dhiyeenya hojiirra kan oole rifoormii Diinagdee Gooroo irratti mariin gaggeeffamuu himaniiru.

Riifoormichi biyyattiif faayidaa olaanaa kan qabuu fi irraa jireessan hirmaachisummaa fi misoomaa waaraa mirkaneessuuf, kutaalee hawaasaa hundaa walqixa fayyadamtoota kan taasisu sirna diinagdee ijaaruu, dhiibbaa idaa mootummaa hir’isuu, sirna gabaa qaala’iinsa gatii hir’isuu fi tasgabbaa’aa uumuuf kan tumsu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataan oomishaalee biyyaa keessatti oomishuu fi alergii dabaluuf, oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf akkasumas naannawaa invastimantii mijataa uumuun sharafa alaa guddisuuf carra kan uumu ta’uu eeraniiru.

Gufuuwwan yeroof umamaan to’achuuf kutaalee hawaasaa galii gadaanaa argatan akka hinmiidhamneef, hojjettoota mootummaaf daballii miindaa taasisuu fi harka qalleeyyiif deeggarsa taasisuu, akkasumas carraa hojii bal’aa uumuuf haala dandeessisuun kan hojiirra ooluu ta’uu himaniiru.

Fuuldurattis oomishtootaa fi dhiyeessitoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun, keessumaa qaamolee oomishaalee kallattiin sharafa alaan hidhata hinqabannerratti gatii hinmallee dabalanii fi oomishaalee dhoksanirratti to’annoo fi tarkaanfii seera kabachiisuu cimaan kan hojjetamu ta’uu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment