Qaamolee daandii keessa keessaa dallaan cufuun tajaajila garaagaraaf oolchan irratti tarkaanfiin seeraa ni fudhatama jedhame

Finfinnee,Fulbaana 29, 2013 (FBC) – Qaamolee daandii keessa keessaa dallaan cufuun tajaajila garaagaraaf oolchan irratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu Abbaan Taayitaa Daandiwwanii magaalaa Finfinnee beeksise.

Abbaan Taayitaa Daandiwwanii magaalaa Finfinnee baajata hedduu ramaduun misooma daandii hojjechaa jiraachuu ibseera.

Yaa ta’uutii iddoo garaagaraatti gochaan daandii keessa keessa dallaan cufuun faayidaa dhuunfaa oolchuu babal’achaa dhufuu Abbaan taayitichaa ibseera.

Daandii guddaan, xiqqaan, keessa keessaa fi cirrachaa bakka hedduutti dallaan cufamuu isaa ibsameera.

Qaamoleen tokko tokko daandii aspaaltii, dhagaa koobilii fi cirrachaa dallaan cufuun sosochii hawaasummaa fi diinagdee hawaasaarratti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu ibsameera.

Dabalataan gochichi sosochii nageenya tiraafikarrattis gufuu guddaa ta’uu Abbaan taayitichaa ifoomseera.

Balballii fi dallaawwan daandii cufan kunneen ariitiin kaafamuu akka qaban Abbaan Taayitaa Daandiwwanii magaalaa Finfinnee hubachiiseera.

Qaamolee kanneen irratti qaama dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’uu Abbaan taayitichaa beeksisuu isaa ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalicharra argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment