Qaamolee boora’uu nageenyaa Gaambeellaatti mudate keessatti hirmaatan hojiin itti gaafatamtoota taasisuu itti fufa jedhame

Finfinnee, Hagayya 26, 2015 (FBC)- Adeemsi qaamolee rakkoo nageenyaa Naannoo Gaambeellaatti mudatee turee keessatti hirmaatan seeratti dhiyeessuun itti gaafatamtoota tssisuu cimee kan itti fufu ta’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Umod Ujuluun ibsan.

Konfiraansiin nageenya kutaalee hawaasaa garagaraa naannichaa hirmaachise xumurameera.

Xumura konfiraansichaa irratti Obbo Umod Ujuluun hariiroo ummata naannichaa daran cimsuu fi nagaa waaraa itti fufsiisuuf ni hojjetama jedhan.

Waldhabdee naannicha keessatti mumul’atan mariidhaan furuun nagaa mirkaneessuuf hunduu tokkummaa isaa cimsuu akka qabu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment