Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC) – Qaamni hunda damee hojii isaan faayidaa biyyaalessaaf dursa laachuu akka qabu Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoon ibsan.
‘Miidiyaalee faayidaa biyyaalessaaf’ mata duree jedhuun mariin gaggeffamaa jira.
Miidiyaaleen faayidaa biyyaalessaaf qooda olaanaa qabaachuu Obbo Taaggaseen hubachiisaniiru.
Tokkummaa sabdaneessaa, nageenyaa fi tokkummaa biyyaa eegsiisuuf miidiyaaleen mootummaa cinaa ta’uun hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
Waltajjicharratti hoggantoota mootummaa dabalatee ogeeyyiin Kominikeeshinii argamaniiru.
Sisaay Duulaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.