Qaammeen 5, Guyyaan Egeree sadarkaa naannoo Oromiyaatti kabajame

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC) – Qaammeen 5, Guyyaan Egeree mata duree “Dhaloonni Ida’amuu Itoophiyaa Hundaaf Taatu Ijaara!” jedhuun sadarkaa naannoo Oromiyaatti magaalaa Bishooftuutti kabajameera.

Guyyichi Magaalaa Bishooftuutti daawwannaa misooma koridarii fi marii paanaaliin kabajamee ooleera.

Biyya bu’ura cimaa qabdu ijaaruuf dhaloota egeree irratti hojjechuun murteessaa ta’uu Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Oromiyaa Aadde Mabraat Baacaan himaniiru.

Daa’imman barumsa gahaa biyya isaanii ittiin jijjiiran goonfatanii akka guddatan qindoominaan hojjetamuu akka qabu eeraniiru.

Dhaloota naamusa cimaafi jaalala biyyaa qabu horachuuf manneen barnootaa keessatti xiyyeeffannoo hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dhaloota saayiinsiifi teeknolojiin gahoome,diinagdee rakkoo damdamatuufi dhaloota egereef ce’uu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jiraachuun Hoogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiwoos Sabbooqaan ibsuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment