Qaammeen 3 Guyyaan Gaarummaa Naannoolee garaagaraatti kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC)-Guyyaan Gaarummaa Naannoolee garaagaraatti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jiraachuun ibsame.

Guyyichi Naannoo Gaambeellatti mata dure “Gaarummaa biyyaaf” jedhuun hojiilee gaarummaa biyyaa fi lammiilee fayyadan hojjechuun kabajamaa jiraachuu ragaan koominiikeeshini naannicharra argame ni mul’isa.

Akkasumas guyyichi Naannoo Ummatoota Kibba Lixaa Itiyoophiyaattis sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.

Gaarummaan deebisee kan namaaf kaffaluu ta’uu isaan, guyyichatti lammiilee rakkoof saaxilaman deeggaruun kabajamuu akka qabu Pireezidaantiin Naannicha Dooktar Nagaash Waageeshoon himaniiru.

Guyyaan Gaarummaa, gaarummaa aadaa keenya ta’e kan ittin mul’ifnudha jechuu isaanii TOI gabaaseera.

Har’a Qaammeen 3 guyyaan Gaarummaa, mata dure “Gaarummaan Biyyaaf” jedhuun sadarkaa biyyaalessatti sirnoota garaagaraan kabajamaa jiraachuun eerameera.

Haaluma walfakkaatuun, Naannoo Afaaritti Guyyaan Gaarummaa sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.

Guyyichatti dhiiga arjoomuu, barattootaaf deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisuu, duula qulqullina naannaawaa fi manneen harka qalleyyii haroomsuun kabajama jiraachuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment