Qaammeen 1, guyyaan ce’umsaa kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC) – Oromiyaatti Qaammee 1 : Guyyaan Cehumsaa, mata duree“Hambaa cehumsaa, Horata ifa haaraa” jedhuun kabajamaa jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksise.

Itiyoophiyaan qormaataawwan ishee mudachaa dhufan irratti injifannoowwan galmeessaa milkaa’inotas galtee imalashee taasifa haa ijaaramaa as geesse. Waggoota Jahan darban kanas humnoota faallaa imalashee keessaafi alaa qolachaan wareegama ilmaanshee kaffalaniin birmadummaanshee tikfame.

Yeroon kun seenaa keessatti bifa adda ta’een Itoophiyaa hundarraa hundaan hundaaf taatu ijaaruuf sirna bu’ureessuun yeroo hojiin finiinaa jirudha. Kana malees birmadummaa ishee guutuu taasisuuf cabiinsa rogdaneessaafi falli rogdaneessi hojiirra oolfamee gargaaramtummaa irraa gara oomishtumaatti ce’umsi ajaa’ibsiisaan taasifamaa jira. Injifannoofi muuxannoowwan horanne, qabeenyi uumamaafi kuufamni seenaa keenya hambaa ce’umsa horata ifa haaraati!

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment