Qaammeen 1, Guyyaan ce’umsaa bu’aalee galmaa’aniin yaadatamaa jira

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC) – Qaammeen 1, Guyyaan Ce’umsaa mata duree “Hambaalee ce’umsaa, Horata ifa haaraa”jedhuun sadarkaa biyyaatti kabajamaa jira.

Itiyoophiyaa ceesisuuf tattaaffiiwwan taasiifaman, bu’aa galmaa’anii fi guffuuwwan adeemsa mudataniin yaadatamaa jira.

Bu’aaleen damee Indaastiriin galmaa’an mallattoolee ce’umsaa keessaa isa tokko ta’uu ibsameera.

Oomishaa alaa galan biyya keessatti oomishuuf hojii hojjetameen oomishaaleen Doolaara biiliyoona 2tti tilmaamu biyya keessatti oomishamuu eerameera.

Kanaanis bara 2016 keessa Oomisha biyya keessatti oomishameen sharafa alaa Doolaara biiliyoona 2.844 baraaruun danda’amuu himameera.

Warshaaleen hedduun gara hojiitti galuus ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment