Qaammee 1, Guyyaa Ce’umsaa

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC)-Guyyaan Ce’umsaa Qaammeen 1, mata duree “Hambaalee ce’umsaa, Horata ifa haaraa” jedhuun kabajamaa jira.

Guyyichi wayita kabajamus, tattaaffiiwwan Itiyoophiyaa ceesisuuf taasifaman, milkaa’inaalee galmaa’an yaadatamuun ta’uun ibsameera.

Dameewwan hundaan Itiyoophiyaa ceesisuuf milkaa’inaalee humna olaanaa uuman galmaa’anillee ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaarraatti injifannoowwan galmaa’an mallattoo guyyaa ce’umsaati.

Kanaan biyyoota yaa’aa Laga Abbayyaa gara gadiif Misiraachoon dabalataa Guubaarraa dhaga’ameera.

Tarbaayinoonni 3ffaa fi 4ffaan hojii eegaluun akkasumas yaa’iinsi lagaa utuu hingufatin ittifufuu dabalatee ulaawwan hidhichaa bishaan yaasaan banamuun sekoondiitti bishaan meetir kiyuubii kuma 2 fi 800 yaasuu eegaluun labsameera.

Bu’aa ashaaraa waloo Itiyoophiyaanotaa kan ta’e Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa mallattoo ce’umsa Itiyoophiyaa keessaa adda durummaan kan eeramuudha.

Comments (0)
Add Comment