Qaama miidhamaa rakkoo hunda dandamachuun Yuunivarsiitii Hawaasaarraa qabxii eebbaa gaarii galmeessuun eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC) – Qaama miidhamaa Ballaxaa Butuunaan rakkoo isa mudatan hunda dandamachuun Yuunivarsiitii Hawaasaarraa qabxii eebbaa (CGPA) 3.2 galmeessuun eebbifame.

Xinsammuu cimaan rakkoolee hunda ce’uuf riqicha ta’uu barataa Ballaxaan Butuunaan himeera.

Waggoottaan shanan darbaniif sagantaa Barnoota galgalaan Yuunivarsiitii Hawasaa Muummee Barnoota Manejimantiin barnoota isaa hordofaa tureera.

Xinsammuu cimaa yoo qabaanne rakkoon hin furamne hin jiru jedha Barataa Ballaxaan.

Barataa Ballaxaan qaama miidhamaa qofa osoo hin taane ijoollummaa isaatti hadha isaa dhabuu fi abbaa isa gargaaru kan hin qabne yoo ta’u, rakkoolee kanneeniif harka osoo hin kennin barnoota isaa xumuruun har’a eebbifameera.

Barataa Ballaxaan qabxii seensa Yuunivarsii erga galmeessee, deeggarsa Birrii kuma 20 Naannoo Sidaamaa Aanaa Arbeegoonaarraa argateen Yuunivarsiitii Hawaasaatti barnoota isaa eegale.

Turtii Yuunivarsiitii waggaa tokkoon booda tajaajila barnoota, deeggarsa nyaataa fi bakka bultii bilisaan argateera.

Ballaxaa Butuuna rakkoo hunda dandamachuun har’a Yuunivarsiitii Hawaasaarraa qabxii eebbaa (CGPA) 3.2 galmeessuun digirii jalqabaan eebbifameera.

Yuunivarsiitiin Hawaasaa barattoota ogummaa adda addaan barsiisaa ture kuma 4 fi 800 guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Maqdas Asaffaa fi Taammanaa Araggaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment