Finfinnee, Waxabajjii 30, 2013 (FBC) Qaala’isii gatii ji’a Waxabajji baranaa, kana bara darbeen harka 24.5’n daballi agarsiiseera.
Gatiin nyaataa kan ji’a Waxabajji bara darbee yeroo walfakkaataan wal-bira qabamu harka 28.8 daballi agarsiise.
Gatiin miidhaan Boqolloo fi garbuu ariitiin dabaalaa jira jedha ragaan bahe.
Dabalataan gatiin Foonii, Zayiita nyaataa, dhadhaa, mi’eesitu, barbaree fi buna kan ji’a kanaas waan dabaleef qaala’insa gatiif gahee guddaa qabu jedhameera.
Akka waliigalaatti qaala’insii gatii kan ji’a darbeen wal-bira yoo qabamu harka 7 daballi agarsisu isaa DhPI ragaa Ejansii Istaatistiksii giddu- galeessaarraa argateen gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.