Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)- Qaala’iinsi jireenyaa dhiibbaa lammilee galii gadaanaarraan ga’uu hir’isuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuun Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad akeekan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy qaala’iinsa jireenyaa ilaalchisuun ibsa Paarlaamaaf taasisaniin, qaala’iinsi gatii rakkoon Itiyoophiyaa qofaa utuu hintaanee kan dil addunyaa ta’uu kaasaniiru.
Itiyoophiyaatti qaala’iinsi gatii kanaan duraa %37 ta’uu yaadachiisaanii barana baatii Fulbaanaa %28’tti gadi hir’achuu himaniiru.
Waggoottan dhufan keessaas akka gadi hir’atu kan eegamuu ta’uu dubbataniiru.
Qaala’iinsi, lammiilee galii gadaanaa argatanirraan dhiibbaa geessisuu hir’isuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu kan akeekan Dooktar Abiy, oomishaa fi omishtummaa fooyyessuu, hojiin lammiilee harka qalleeyyii deeggarsaan akka nyaata argatan taasisuu fa’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kana malees giddugaloota gabaa Dilbataa hojiin babal’isuu gaggeeffamaa akka jiru dubbataniiru.
Fuuldurattis rakkoo mana kiraa magaalotatti mul’atu seeraan qajeelchuu kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.
Gama biraatiin, bara baajataa kana lammiilee miiliyoona 3.9’f carraa hojii uumuuf karoorfamuu dubbatanii, hanga ammaattis lammiileen walakkaa miiliyoonaa ta’aniif carraan hojii umamuu kaasaniiru.
Dabalataanis, lammiileen kuma 100 ol carraa hojii biyyaa alaa akka argatan taasifamuu dubbataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy gochaa hannaa ilaalchisuun ibsa kennaniin hanni rakkoo walxaxaa ta’uurraan qabsoo ijibbaachisaa akka gaafatu dubbataniiru.
Aadaa hanna balfu ijaaruu garasitti hojmaataa dijitaalawaa babal’isuu akka barbaachisu himaniiru.
Gama kanaanis galii walitti qabuu dabalatee tajaajiloota 190 ta’an dijitaalessuu akka danda’ame kaasan.
Ta’us, gochaa hannarratti qabsaa’uun daran cime akka itti fufu qabuu akeekaniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.