Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf Waldaalee Hojii Gamtaa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Diinagdee sababa waraanaan miidhame dandamachiisuu fi qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf Waldaalee Hojii Gamtaa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.
Baazaarii fi Igzibiishiniin Waldaa Hojii Gamtaa biyyaalessaa 9ffaan mata duree ‘Bittaa fi gurgurtaa Waldaa Hojii Gamtaa Tasgabbii Gabaa fi Nageenyaaf’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Sagantaan kun har’aa eegalee hanga Gurraandhala 7, 2014tti kan turu yoo ta’u, qaama sagantichaa kan ta’e Siimpooziyeemiin Hoteela Sharaatanitti gaggeefamaa jira jedhame.
Waldaaleen Hojii Gamtaa Sirna Bittaa fi Gurgurtaa ammayyeessuu fi Faayinaansii hawaasaa si’eessuu keessatti itti gaafatamummaa isaanii ba’uu akka qaban Bakka bu’aan Komishinara Komishinii Waldaalee Hojii Gamtaa Ityoophiyaa obbo Birihaanuu Dhufeeraan ibsaniiru.
Gabaa tasgabbeessuuf hojjechuun murteessaa ta’uu ibsameera.
Qabeenya diinagdee sababa waraanaan miidhame dandamachiisuu fi qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuuf sirni bittaa fi gurgurtaa fooyya’aan kan barbaachisu ta’uu eerameera.
Waldaaleen Hojii Gamtaa jireenya Qonnaa Bulaa fi Horsiisee bulaa fooyyeessuu fi sirna gabaa ammayyeessuuf qooda qabaachuu Bakka Bu’aan Ministira Qonnaa obbo Girmaa Baqqalaan himaniiru.
Afawarq Iyyaayyuu fi Qidist Tasfaayeetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment