Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jira- ministeericha

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) – Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf hojjechaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii FDRI beeksise.

Ministeerichi dhaabbilee, caasaalee mootummaa hanga gadiitti jiruu fi hawaasa waliin ta’uun daballii gatii fi qaala’iinsa jireenyaa ittisuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Daldaltoota seeraan ala daballii gatii taasisanii fi faddaaltota seeraan alaa to’achuuf hojii hojjetameen, Oromiyaatti faddaaltoota fi daldaaltoota seeraan alaa kuma 14 fi 961, Finfinneetti kuma 17 fi 182, Amaaraatti kuma 53 fi 126, naannoo Ummattoota Kibbaatti kuma 6 fi 320 fi Beeniishaalgul Guumzitti 150 irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhamuu ibsameera.

Magaalaa Finfinneetti opporeeshiinii guyyoota sadiif gaggeeffameen kuduraa fi muduraa konkolaattoota 59, xaafii fi qamadii konkolaattota 52 fe’amanii seeraan ala gurgurtaaf dhiyyaachuura turan to’atamaniiru.

Kuduraaalee fi midhaan dheedhiin to’ataman kunneen gama waldaalee hojii gamtaa fi shamattootaan gatii madaalawaan jiraattootatti akka gurguraman godhameera jedhame.

Dhaabbilee, waldaalee, shamattoota, daldaltootaa fi faddaaltota seeraan alaa qaala’iinsa jireenyaaf sababa ta’an adda baasuun xiyyeeffannoon irratti hojjechaa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni muul’isa.

Comments (0)
Add Comment