Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf deeggarsi Birrii Biiliyoona 12.7 taasifameera-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Guraandhala 16, 2016 (FBC)-Baatiiwwan ja’an darban qaala’iinsa jireenyaa Magaalattiitti mul’atu tasgabbeessuuf deeggarsi dabalataa Birrii Biiliyoona 12.7 taasifamuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 2ffaa bara hojii 3ffaa gaggeessaa jira.

Yaa’ii mana maricharratti Gabaasaa raawwii baatiiwwan ja’an darbanii kan dhiyeessan Aadde Adaanech Abeebeen hojiilee qaala’iinsaa gabaa tasgabbeessuu hojjetamaa jiraniin gabaa Dilbataa 179 hundeeffamaniiru.

Baatiiwwan ja’an darbanitti lammiilee kuma 150’f carraan hojii uumamuus eeraniiru.

Keessumaa qaala’iinsa jireenyaa magaalattii tasgabbeessuuf dhiibbaa jireenyaa jiraattoota galii gadaanaa argataniif baajata mootummaarraa deeggarsi Birrii Biiliyoona 12.78 taasifamuu kaasan.

Deeggarsi kunis nyaataa barattootaa, meeshalee barnootaa manneen barnootaa guutuu, indhuraansii fayyaa, geejjiba, dhiyeessii oomishaalee fi kanneen biroof akka oolfame ibsaniiru.

Bulchiinsa magaalichaatti pirojektoonni meeggaa 14 ijaaramaa jiraachu kan eeran Aadde Adaanech giddugalootaa Gabaa guguddaa dabalatee Pirojektiin Yaadannoo Injifannoo Adwaa xumuramaniiru jedhan.

Pirojektooni biroonis adeemsa ijaarsaa fi sadarkaa irraa jiran eeranii, keessumaa pirojektoota faayidaa hawaasummaa qaban baatiiwwan hafan keessatti xumuruuf tattaaffi olanaan ni taasifama jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment