Qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC)- Qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiseera.

Tibba kana  Finfinnee fi Dirree Dawaatti kan eegalee kallattiin oomishtootaa fi shamattoota wal qunnamsiisuu naannolee hundaatti akka itti fufuu hojjetamaa jiraachuu Ministir deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa obbo Hassan Mahaammad Faanaa Broodkaatiing Koorporeettif ibsaniiru.

Kanaanis uwwisa hojimaataa qopheessuun faddaltoota sirnicha keessaa baasuuf hojiin eegalamuu himaniiru.

Haala oomishaa dabaluu fi gurgurtaa seeraan alaa to’achuun koree hundeessuun tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu himaniiru.

Hojiin koricha inni jalqabaas qaala’insa jireenya to’achuudha jedhaniiru.

Daldaltoota seeraan alaa kuma 82 irrati tarkaanfii fudhatamuun Birrii miiliyoona 7 ol kallattiin akka kaffalaan taasifameera jedhan.

Meeshalee bu’uuraan qaala’insa jireenya tasgabbeessuuf alaarra zaayinni, qamadii, sukkarrri alaarra galuu itti fufeera kan jedhan obbo Hassan, qamadiin kuntaalli miiliyoonni 4 fi zaayinni leetirri miiliyoona 10 ol bitamuun naannoleef raabsaan eegaleera jedhaniiru.

Haayilayeesuus Mokkonniintu gabaase

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment