Qaala’iinsa gabaa zayitaa tasgabbeessuuf Zayitiin nyaataa gara biyya keessaa galaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 10, 2013 (FBC) – Qaala’iinsa gabaa Zayitaa tasgabbeessuuf Zayitiin nyaataa gara biyya keessaa galaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiise.
Shira gabaan walqabatee jiru Ittisuu cinaatti Mootummaan meeshaalee bu’uuraa alaa galchuun qaala’iinsa jireenya hambisuuf hojjechaa jiraachuu ministeerichi ibseera.
Tasgabbii dhabuu gabaa yeroo ammaa muudatetti fayyadamuun Daldaltoonnii fi Raabsitoonni rakkoo uumaa jiran jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastiruu himeera.
Qaamolee kanneenirratti tarkaanfiin araarama hin qabne kan fudhatu ta’uu hubachiiseera.
Daballii gatii oomisha Zayitaarratti muula’ate tasgabbeessuuf mootummaan Doolaara miilyoona 31 ramaduun hojjetaa jiraachuu ibsameera.
Haaluma kanaan gama Dhaabbata Dhiyeessii galtee Indaastirii Ityoophiyaan Zayita Liitira miiliyoona 24 olii fi gama Korporeeshinii Hojiilee Daldalaan ammoo zayita Liitira miiliyoona 12.5 alaa galchuuf bittaan raawwatamuun gara biyya keessaa galaa jiraachuu eerameera.
Oomishin kun ariitiin naannolee fi bulchiinsa magaalotaa akka qaqqabu hojjetamaa akka jirus himameera.
Adeemsi imalchiisuu akkuma xumurameen Hawaasaaf kan raabsamu ta’uu ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment