Finfinnee, Amajjii 11, 2014 (FBC) – Qaala’iinsa diinagdee sababa weerara Vaayrasii Koroonaan uumame saffisaan dandamachuuf biyyoonni tumsaan hojjechuu akka qaban Preezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing hubachiisan.
Preezdaant Shii Jiinpiing Fooramii diinagdee addunyaa bara kanaarratti Interneetiin haasawa taasiisaniin addunyaan jijjiirrama jaarraa tokko keessatti muul’achuu hin dandeenyaa muul’isaa jiraachuu ibsaniiru.
Kana keessaa weerarri vaayrasii koroonaa isa olaanaa ta’uu eeruun, Qaala’iinsi diinagdee sababa weerara Vaayrasii Koroonaan uumame xiyyeeffannoo fi deebii idil addunyaa kan barbaadu ta’uu eeraniiru.
Addunyaan wayita rakkoo carraa haaraa uumuu akka qabdu Preezdaant Shii Jiinpiing ibsaniiru.
Qormaata cimaa muudate haala salphaan ce’eef tumsaa fi qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Keessattuu qaala’iinsa diinagdee sababa weerara Vaayrasii Koroonaan uumame saffisaan dandamachuuf tumsi biyyootaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Yaada Waranaa ololaa dhabamsiisuun nagaan waliin jiraachuu fi rakkoolee muudatan tumsaan furuutu barbaachisa jedhan ibsa Faanaa Broodkaasting Korporeetiif ergaaniin.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.