Putiin Yuukreen bulchiinsa Doonbaasitti Duula waraanaa addaa eegaluu ifoomsaan

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Yuukreenirraa foxxoquun bulchiinsa mataa ishee kan ijaarte Doonbaasitti Duulli waraanaa addaa ajajamuu ifoomsaniiru.
Yuukreen miseensa NATO ta’uuf sochii eegaluu hordofee wal dhabdeen Mooskoo fi Keeyiv gidduutti uumame gara waraanatti ce’aa jiraachuu dubbatamaa jira.
Keessattuu Raashiyaan Bulchiinsota Yuukreen irraa foxxoqan 2f beekkamtii laachuun dhimmicha caalmaatti walxaxaa taasiisuu ibsameera.
Preezdaantii Raashiyaa dhimmicha ilaalchisee ibsa laataniin waraanni Raashiyaa Yuukreen Doonbaasitti duula addaa akka gaggeessu ajajuu isaanii himaniiru.
Ummanni Doonbaas Mooskorraa deeggarsa gaafachuu isaanii hordofee Raashiyaan duula waraanaa addaa jalqabuu Preezdaant Putiin beeksiisaniiru.
Duulli kun Raashiyaan bulchiinsota Lama Yuukreenirraa Foxxoqaniif beekkamtii laachuu hordofee ta’uu ibsameera.
Bulchiinsonni kunneen waldhabdeen Raashiyaa fi Yuukreen dabalaa dhufuu hordofee deeggarsa waraanaa gaafachuu isaaniin Preezdaant Putiin waraanni biyyattii Doonbaasitti duula addaa akka gaggeessu ajajuu isaanii ibsameera.
Putiin Yukreen weeraruuf karoora hin qabnu jechuun dubbataniis daqiiqaa muraasa booda Magaalaa Guddittii Yuikreen Keeyivitti dhoo’iinsa dhaga’amaa jiraachuu miidiyaaleen gabaasaa jiru.
Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baaydan gama isaaniin dhimmicha ilaalchisanii ibsa laataniin kadhannaan ummata addunyaa Ummataa Yuukreen faana jira jedhuun dubbataniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment