Putiin Xiyyaara Azarbaajaan kufee caccabeef dhiifama gaafatan

Finfinnee, Mudde 19, 2017 (FMC)- Pireezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Naannoo Qilleensa Raashiyaa keessatti xiyyaaraAzarbaajaan kufuun balaa suukanneessaa mudateef Pireezidaantii biyyattii Ilhaam Aliyeeviin dhiifama gaafatan.

Puutiin balaa xiyyaara guyyaa Ayyaana Qillee mudaterratti yaada kennaniin, ”taatee gaddisiisaa” kun kan mudate yeroo sirnoonni ittisa qilleensaa Raashiyaa diroonii Yukireen dammaqinaan ofirraa qolachuuf turanitti ta’uu dubbataniiru.

Xiyyaarri kun Checheniyaa keessa qubachuuf osoo yaaluu sirna ittisa qilleensaa Raashiyaa irraa dhukaasa jala akka seenee fi Galaana Kaaspiyaan akka qaxxaamuru dirqisiisuun gabaafameera.

Ta’us, Kaazaakistaan keessatti kufee caccabuun namoota 67 xiyyaara sana keessa turan keessaa lubbuun namoota 38 darbuu BBC’n gabaaseera.

Azarbaajaan Raashiyaa ifatti himachuu baatus, Ministirri Geejjibaa biyyattii xiyyaarichi yeroo lafa bu’uuf yaalu alaa fi keessaan ”giddu seentummaa alaa” jala waan tureef miidhaan irra gaheera jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment