Putiin dhimma waliigaltee midhaan Yukreenirratti Eerdohaan waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 29, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Putiin dhimma waliigaltee midhaan Yukreenirratti gita isaanii Turkii Rasiip Xaayib Eerdohaan waliin mari’ataniiru.

Bara darbe baatii Guraandhalaa keessa sababa waraana Raashiyaa fi Yukreeniin qaala’iinsa jireenyaa muudate furuuf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii oomishaaleen midhaan nyaataa Yukreen karaa Garba Gurraachaan gabaa alaaf akka dhiyeessun waliigalamee ture.

Yaa ta’uutii Mooskoon baatii Adooleessaa keessa waliigalticha adda kutuun kan yaadatamuudha.

Pireezidaanti Eerdohaan ammas Pireezidaantii Putiin gara waliigaltichaatti akka deebi’an yaalii taasiisaa jiru jedhame.

Kana hordofee Pireezidaanti Eerdohaan bakka mana jireenyaa Pireezidaanti Putiin Soochiitti argamuun waliin mari’achuu ibsameera.

Dhimma midhaan nyaataa kanarratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru jedhame.

Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Putiin gama isaaniin dhimmicharratti mari’achuuf qophii ta’uu isaanii eeruu Roowitarsii fi Yuuroo Niwuus gabaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment