Prooppongaa lammiilee alaatin biyyi diigamuu hin jiru waraanni itti seennee waraanaa birmaddummaati-TKM

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2014 (FBC) – Prooppongaa lammiilee alaatin biyyi diigamuu hin jiru waraanni itti seennee waraanaa birmaddummaati jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Tajaajilichi ibsa laateen Ityoophiyaa baraaruuf waamicha dhiyaatee hordofee uummanni guutuu biyyatti keessayuu dargaggoon kakka’umsaa muul’dhisaniif dinqisifateera.

Lammiileen Ityoophiyaa kutaa biyyattirra walitti babba’aan gurmaa’uun gara adda waraanaatti duula jiraachuu ibsameera.

Humni addaa fi dargaggoonni naannoo Affaar raayyaa ittisa biyyatti waliin diinaa Ityoophiyaa kan ta’ee garee shororkeessaa ABUT barbadeessaa jiraachuu ibsichaan eerarameera.

Diinni iddoowwan to’ateetti raawwachistoota dhimmaa taasisee kan muudee hoggantootasaarratti uummanni tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ibsameera.

Diina Ityoophiyaa kan ta’ee garee ABUT awwaaluufis tokkummaa uummataa cimee itti fufeera.

Miidayaleen biyya alaa kanneen akka Rooyiters ammoo iddoowwan diinaan hin qabamne waan akka diinaan qabamanitti gabaasa sobaa gabaasaa jirus ibsameera.

Ergamtoonni ABUT dhaabbilee miti mootummaa keessaa jiran rakkoon nageenyaa jiraachuu fakkeessuun manneen barnoota dhuunfa akka cufamaaniif hojii waliigaltee hojjechaa jiraachuu ibsichi eereera.

Uummata keessaattis shakki uumuuf anga’oonni mootummaa Viizaa gaafachaa jiru jechuun odeeffannoo sobaa tamsaasaa jiru.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment