Proojektoota daandii sababoota garaagaraan harkifatan xumursiisuuf xiyyeeffaannoon ni hojjetama –Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Proojektoonni daandii sababoota garaagaraan harkifatan xumuramuun tajaajilaaf akka oolan xiyyeeffaannoon kan hojjetamu ta’uu itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsan.
 
Aadde Adaanach, Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi bulchaa Baankii Biyyaalessaa Dookta Yinnaagar Dassee waliin proojektoota daandii daawwatan.
 
Proojektoota daandii eegalaman ariitiin xumuruun rakkoo tiraafikaa magaalichaa furuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu aadde Adaanach ibsaniiru.
 
Daandiiwwan madda galii ta’anii fi faayidaa diinagdee olaanaa qaban ariitiin xumursiisuun tajaajilaaf oolchuuf hordoffii fi deeggarsi barbaachisu kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.
 
Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii magaalaa Finfinnee Injiinar Mogas Xibabuu gama isaanii proojektoonni daandii waliigala Kiiloo Meetira 34 uwwisan hojjetamaa jiraachuu eeruun, bara kana akka xumuramaniif hirmaannaa olaanaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Guyyaa har’aa Proojektoonni Daandii garaagaraa fi Proojektiin qulqulleessa Bishaan dhugaatii Qaallittii daawwatamuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment