Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Proojektiiwwan Kaappitaalaa hin xumuramiin hafan bara baajataa 2015tti baasii xiqqaan tajaajilaaf akka ga’aniif yaalii guddaan taasifamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny ibsan.
Bara baajataa 2015tti Proojektiiwwan Kaappitaalaa haaraan hojiirra kan hin oolle ta’uu fi Proojektiiwwan Kaappitaalaa hin xumuramiin hafan baasii xiqqaa fi kutannoon xumuruun tajaajilaaf akka ga’aniif tattaaffiin kan taasifamu ta’uu Dooktar Iyyoob kaasaniiru.
Mootummaan Federaalaa bara baajataa 2015tti haammattoo Imaammata Fiiskaalaa baajata xiqqaan hojii hedduu hojjechuus dandeessisuun hogganamuuf qophii taasisaa jiraachuu dubbataniiru.
Baajanni bara 2015 haammattoo cimaa imaammata fiiskaalaa fi haala diinagde maakroo biyyattii hubannoo keessa galcheen qophaa’aa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
Qophiin baajataa dameewwan dinagdee, qonnaa, indaastirii,Albuuda, tuuriizimiifi teknolojii dijitaalaaf xiyyeeffannaa kan kennu ta’uu kan eeran Dooktar Iyyoob, dameewwan tokko tokkorratti baajata idileerraa hanga %40 kan hir’ifamu ta’uu himaniiru.
Hanqina baajataa mudachuu maluuf mootummaan qabeenyaa biyya keessa maddurraa haala qaala’iinsa jireenyaa hinbabal’isneen guutuuf tattaaffiin ni taasifa jedhameera.
Baajata bara 2015tiin pirojektootaa kaappitaalaa haaraan akka hojiirra hinoolle eeranii, kanneen jalqabaman baasii gadaanaadhaan xumuruun tajaajilaaf dhaqqabsiisuuf qajeelfamni cimaan kennameera dubbatan.
Baajatni mootummaa federaalaa bara 2015 mana mareef dhiyaatee erga irratti mari’atameen booda wayita ragga’u Adoolessa 1, 2014rraa eegalee hojiirra kan oolu ta’a.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.