Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) –Hospitaalli Waliigalaa Asoosaa Gamtaa Awurooppaatti Trast Fandii Yeroo Ariifachiisaa fi Koree Lubbu Baraartotaa Idil Addunyaa waliin ta’uun proojektiiwwan deeggarsa maallaqaa Birrii miiliyoona 19 ol Gamtaa Awurooppaarraa argameen ijaaraman eebbisiiseera.
Proojektoonni kunneen bakka Ittaanaan preezdaantii naannichaa obbo Geetaahuun Abdiisaa, Dayrektarri Koree Lubbu Baraartotaa Idil Addunyaa Firaank Maakmaanuus akkasumas hoggantoonni olaanoon naannichaa fi bakka buutonni dhaabbilee deeggartootaa argamanitti eebbifamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.