Proojektiin saamicha humna daa’immanii ittisuuf dandeessisu ifoome

Finfinnee, Hagayya 24, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaa fi Kibbaatti Proojektiin saamicha humna daa’immanii ittisuuf dandeessisu ‘Shii Tiraayivis’ jedhamu ifoomeera.
Proojektichi Naannoo Oromiyaa godina Iluu Abbaa Booraa fi Naannoo Kibbaa godina Geediyootti saamicha daa’immanii raawwatamu hir’isuuf filannoo diinagdeerratti kan hojjetu ta’uu ibsameera.
Ministeerri Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa, Ministeerri Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Keer Ityoophiyaa waliin milkaa’ina Proojektichaaf tumsaan hojjechuuf walii galaniiru.
Proojektiin Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 25 hojiitti hiikkamu kun lammiilee kuma 10 fi 300 fayyadamoo kan taasiisu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment