Proojektiin Raabsa Humna Elektirikaa magaalaa Shaambuu tajaajila laachuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Ijaarsi Proojektii Raabsa Humna Elektirikaa magaalaa Shaambuu Abbaan Kiiloo Vooltii 230 xumuramuun tajaajila laachuu eegaluu ibsameera.
Buufanni Raabsaa Humna Elektirikaa magaalaa Shaambuu kun jiraattoota naannawaa magaalichaa fi ganda Aliiboof giddu galeessan Humna Meegaa Waatii 2 kan kennu ta’uu ibsameera.
Buufatichi sarara galchaa Abbaa Kiiloo Vooltii 230 tokkoo fi sarara humna baasu abbaa Kiiloo Vooltii 33 jahaa kan qabau ta’uu Hojii Gaggeessaan Proojektichaa obbo Ashannaafii Muuluubirihaan ibsaniiru.
Buufanni kun Tiraanisfarmaroota abbaa Meegaa Vooltii Ampiirii 31.5 lamaa, kutaa to’annoo humnaa 1 fi sirrna to’annoo elektirikaa qabaachuu himaniiru.
Proojektichi % 85 liqaa Baankii Addunyaarraa argameen kan hojjetame ta’uu fi % 15 ammoo mootummaa Ityoophiyaan uwwifamuu ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment