Proojektiin Hilaalaa Boba’aa fi Gaazii Uumaamaa baasu daawwatame

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa fi Ministirri Qonnaa Obbo Umar Huseen abbootii qabeenyaa Turkiyyee waliin ta’uun naannoo Somaaleetti Proojektii Hilaalaa Boba’aa fi Gaazii Uumaamaa baasu daawwataniiru.
Itti fayyadamni qabeenya Uumaa guddina biyyaaf abdii fi murteessaa ta’uu Injiinar Taakkalaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Qabeenya Uumaamaa kana mootummaas ta’ee damee diinagdee dhuunfaa hirmaachisuun Ityoophiyaan akka fayyadamtu ni taasiifna jedhan.
Guyyaa har’aas abbootii qabeenyaa Turkiyyee gaazii uumaamaa fayyadamuun Xaa’oo oomishuu barbaadan waliin ta’uun Proojektii naannoo Somaalee Hilaalaa bobaa’aa fi gaazii uumamaa baasuutti argamuun daawwanneera jechuun ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment