Proojektiin giddugala Diijitaalaa manneen barnootaa 66 fayyadamoo taasiisu ifoome

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Ityoo Teeleekoom Proojektii giddugala Diijitaalaa sadarkaa biyyaalessaatti manneen barnootaa 66 fayyadamoo taasiisu ifoomeera.
Dhaabbatichi magaalaa Finfinneetti manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 23 keessatti proojektii giddugala Diijitaalaa eegalchiiseera.
Ityoo Teeleekoom sagantaa Diijitaalaa Ityoophiyaa dhugoomsuuf hojjetaa jiraachuu Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun dhaabbatichaaa Fireehiyiwat Taammiruun himaniiru.
Barattoonni Teeknooloojii waliin yoo guddatan bu’aa qabeessa ta’uu akka danda’an eeruun, sagantaa diijitaalaa kanarraa barattoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 40 fi 596 fayyadamoo kan ta’an ta’uu ibsaniiru.
Proojektichi manneen barnootaa naannolee 48 fi magaalaa Finfinnee 18 keessatti hojiirraa kan oolu ta’uu dubbataniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment