Proojektiin daandii Riqicha Waabee – Agaarfaa – magaalaa Alii daawwatame

Finfinnee, Amajjii 16, 2013 (FBC) – Proojektiin daandii Riqicha Waabee – Agaarfaa – magaalaa Alii Baalee fi Arsii giddu gala biyyaan walquunnamsiisu daawwatameera.

Proojektiin daandichaa baasii birrii biiliyoona 2.1 ijaarramaa kan jiru yoo ta’u guyyaa har’aa hoggantoota olaanaa mootummaan daawwatameera.

Daawwannicharratti Ministir Deettaan Ministeera Geejjibaa obbo Kaasahuun Goofee, Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Daandiwwanii Ityoophiyaa Injiinar Haamtaamuu Taganyi fi hoggantoota olaanoo dhaabbilee kanneenii dabalatee hoggantoonni naannoo fi godinaa hirmaataniiru.

Haalli waliigalaa proojektichaarratti daawwattoota kanneeniif ibsi laatameera.

Proojektichi Kiiloo Meetira 56.6 kan dheeratu yoo ta’u ijaarsi walii galaa % 44 irra ga’uu ibsameera.

Qaama Proojektichaa kan Riqichi laga Waabee meetira 180 dheeratu ijaarsi isaan saffisaan raawwachaa jira jedhame.

Baasiin proojektichaa birriin biiliyoonni 2.1 guutuumaan guutuutti mootummaan Ityoophiyaan kan uwwifamu ta’uu ibsameera.

Dhaabbanni Chaayinaa “CCCC” ijaarsa isaa gaggeessaa jira.

Dhaabbanni ‘Hong – IK Engineering’ fi dhaabbanni Lidat ammoo hojii too’annoo fi gorsaa hojjechaa jiraachuu ragaan Abbaa Taayitaa Daandiwwanii Ityoophiyaarra argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

Comments (0)
Add Comment