Finfinnee, Caamsaa 12, 2013 (FBC) – Preezdaantii Itti aanaan Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad Proojektoota bu’uuraale misoomaa garaagaraa eebbisiisuun hojii eegalchiisan.
Proojektiin Bishaan dhugaatii qulqulluu Goree Booraalee Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 19 oliin hojjetame eebbifameera.
Bara 2011 hojiin isaa kan eegalame proojektiin kun jiraattoota naannichaa kuma 57 fi horii kuma 88 ol fayyadamoo taasiisa jedhame.
Buufanni fayyaa Godina Faafan aanaa Shaabeelayis eebbisiisaniiru.
Buufatichi jiraattoota aanichaa fi aanaalee ollaa kuma 32 oliif tajaajila laachuu danda’a jedhame.
Dabalataan manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Aannanee jedhamu Birrii miiliyoona 8 oliin ijaarrames eebbifameera.
Baasiin ijaarsa bu’uuraalee misoomaa kanneenii mootummaa naannichaan uwwifamuu ragaan Miidiyaa naannichaarraa argame ni agarsiisa.
Obbo Musxaafeen mootummaan naannichaa jijjiirramaa as gaaffii misoomaa ummata naannichaa deebisuuf hojii hedduu hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Waggoota sadan darban keessa Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 41 oliin buufataaleen fayyaa 49, Hospitaaloonni 11 baajata Birrii biiliyoona 1 ijaarramuu isaanii obbo Musxaafeen eeraniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.