Proojektiin addabaabaayii Masqalaa torbanoota muraasa keessaatti ni xumurama-Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Bitootessa 19, 2013 (FBC)- Itti Aaantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hoggantoota olaanoo Paartii Badaadhinaa magaalaa hanga aanaa jiran proojektii addabaabaayi Masqaalaa daawwataniiru.

Daawwannicharratti aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoogganaa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alamuu fi hoggantoonni paartichaa argamaniiru.

Proojektiin addabaabaayii Masqalaa bu’aa jijjiirramichaati kan jedhan aadde Adaanach Abeebee, proojektichi sochiwwan amantaa fi hawaasummaaf mijataa taasisuurra darbee dargaggootaaf carraa hojii akka uumuu himaniiru.

Proojekticha xumursiisuuf halkaniifi guyyaa hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, dhiyeenyattis xumuramuun tajaajilaaf bana ni ta’aa jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment