Proojektii Bishaan Dhugaatii Laga Daadhii kutaa 2ffaa yeroo kaa’ame keessatti xumuruuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC) – Jiraattoota magaalaa Finfinnee kuma dhibba 8 fi kuma 60 ol fayyadamoo kan taasiisuu Proojektii Bishaan Dhugaatii Laga Daadhii kutaa 2ffaa yeroo kaa’ame keessatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’oo Magaalaa Finfinnee beeksise.
Proojektichi waggaa lama dura eegalamuu fi Baajata Birrii biiliyoona 4 oliin hojjetamaa jiraachuu Daayreektarri Kominikeeshinii Abbaa Taayitichaa Aadde Sarkaalem Getaachoon Faanaa Broodkaastiing Korpooreetiif ibsaniiru.
Ijaarsi isaa Baatii lama booda kan xumuramu ta’uu kaasaniiru.
Proojektichi jiraattota kutaa magaalaa Eekkaa fi Gullallee fayyadamoo kan taasiisu ta’uu Aadde Sarkaalem eeraniiru.
Wayita guutumaa guutuutti tajaajila kennuu eegale uwwisa bishaan dhugaatii guddisuun tajaajila bishaan dhugaatii dabareen fayyadamuu kan gabaabsu ta’uu himaniiru.
Ijaarsi isaa akkaataa karoora kaa’ameen akka xumuramu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Tigist Abrahaamii fi Tigist Silashiitu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment