Proojektii bishaan dhugaatii godina Booranaa waggoottan 14’f lafarra harkifamuun tajaajila laachuu dhabuu jiraattoonni himan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) – Proojektii bishaan dhugaatii godina Booranaa waggoottan 14’f lafarra harkifamuun tajaajila laachuu dhabuu jiraattoonni godinichaa himaniiru.

Proojektiin Bishaan dhugaatii godina Booranaa yoo xiqqaate, aanaalee godinichaa 5’n dheebuu baasuuf waggoota 10 dura karoorfame har’a gadaa lakkaa’e karoorarra darbee deemuu didee hawaasa godinichaa karaa ilaalchisaa hafeera.

Proojektiin kuna hawaasa horsiisee bulaa godinichaaf furmaata ta’an abdatamus faallaasaatiin komii ta’eera.

Hawaasni dhugaa hin haalamne qaba kan jedhan bulchaan aanaa Diilloo Obbo Rashiid Ibraahim gama isaanitiin proojektichi gadaa lakkoofsisuus osoo jijjiirama hin fidin hafuu himaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira bishaanii fi Inarjii godina Booranaa obbo Waaqoo Liiban Hawaasni horsiisee bulaa godina Booranaa dheebuu bishaanii bara dheeraa qabu bahuuf eegaa ture jedhan.

Har’as dheebochaa jiru osoo proojektichi waggoota 10 dura karoorfame  yeroon hojiitti hiikamee godinichi hongeen hin hubamu jedhaniiru.

Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa komiin jiraattonni godina Booranaa dhugaa ta’u kaasuun proojekticha tajaajilaaf banaa taasisuuf hanga Waxabajjii 30, 2014’tti nan xumura jedheera.

Iddoosaa Abdiitu gabaase

Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment