Proojektichi lafa heektaaraa kuma 5 misoomsuu akka danda’utti hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC)- Proojektiin misooma jallisii ammayyaa Walmal hanga xumura baatii Waxabajjiitti lafa heektaaraa kuma 5 misoomsuu akka danda’utti hojjetamaa jiraachuu ibsame.

Proojektichi lafa heektaara kuma 11 misoomsuu kan danda’u ta’uu ibsameera.

Ministira Ministeera Jallisii fi Naannolee Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad dabalatee hojjittoonni olaanoon mootummaa federaalaa godina Baalee aanaa Dalloo Mannaatti argamuun ijaarsa Proojektii misooma jallisii ammayyaa Walmal dawwatan.

Rooba qofa eeguun hojii qonnaa hojjetamuun hiyyummaa keessaa bahuun kan hin danda’amne ta’uu fi mootummaan proojektiiwwan misooma jallisii ammayyoof xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu Injinar Ayishaan daawwannicharratti ibsaniiru.

Proojektiiwwan misooma jallisii bakkeewwan gammoojjii hanqinni roobaa mul’atutti hojjetaman saaxilamummaa hongee hir’isuun wabii nyaataa horsiise bulaa mirkaneessuuf ga’ee olaanaa kan ba’atan ta’uu kaasaniiru.

Proojektiin kunis qaama kanaa ta’uu ibsuun hanqinni dhiyeessii meeshaalee ijaarsaa proojektichaa akka hin mudannee fi yeroo karoorfametti tajaajilaaf akka ga’utti deeggarsii fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojii gaggeessaan Korporeeshinii Konistiraakshinii Oromiyaa Injinar Abdoo Galatoo gamasaaniin proojektichi dhuma bara ittaanuutti tajaajilaaf akka ga’uuf hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Proojektichi hanga xumura baatii Waxabajjiitti lafa heektaara kuma 5 misoomsuu akka danda’uuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhagaan bu’uuraa proojektichaa bara 2012tti Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin kaa’amuu fi wayita xumuramu qotee bulaa fi horsiise bulaa kuma 22 ol fayyadamoo kan taasisu ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment