Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC) – Proojektii dhaabbata tumsaa Ityoo- Xaaliyaaniin hawaasa baadiyyaa fi dargaggoota hojii barbaadan fayyadamoo taasisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsame.
Proojektichaan damee agroo indaastiriin carraa hojii uumuu fi sharafa alaa argamsiisuuf kan hojjetamu ta’uu eerameera.
Paarkiiwwan agroo indaastirii intarpiraayiziiwwan xixxiqqaa fi giddugaleessaa waliin walitti hidhuun haala bobbii hojii fooyya’aa fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuun danda’amurratti magaalaa Bishooftuutti waltajjiin marii gaggeeffameera.
Ministeera Hojii fi Kalaqaatti Daayrektarri Daayrektoreetii bulchiinsa deeggarsaa Xi’uumezgii Barihee proojektiin tumsaa Ityoo- Xaaliyaanii hojiirra oolmaasaaf karoora waggaa akka qopheessu ibsaniiru.
Kaayyoon isaa tajaajila bobbii hojiin duraa( PES) bu’a qabeessa ta’e ijaaruun hawaasa baadiyyaa fi dargaggoota hojii barbaadan fayyadamoo taasisuu ta’uu ibsaniiru.
Proojektichi naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Sidaamaatti hojiirra kan oolu ta’ee himaniiru.
Hojiirra oolmaa proojektichaaf mootummaa Xaaliyaaniirraa Yuuroon miiliyoonni 4 deeggarsa taasifamuun hojiitti kan galamu ta’uu ibsuu isanii ragaan Ministeera Hojii fi Kalaqaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.