Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Proojektiiwwan bulchinsa magaalaa Galaanitti hojjetamaa jiran keessaa ijaarsi proojektiiwwan 31 xumuramuun taajajilaaf banaa ta’uu himameera.
Bulchinsa magaalaa Galaanitti proojektiiwwan buleeyyii fi haaraan 53 hojjetamaa jiraachuu bulchinsi magaalaa Galaan beeksiseera.
Bulchinsa magaalichaatti proojektiiwwan bulleeyyiin 6 fi haaraan 47 baajaata mootmmaa Birrii miliyoonaa 613 oliin hojjetamaa jiraachuu Ittaanaan kantiibaa magaalaa Galaan obbo Eda’oo Kojii himaniiru.
Proojektiiwwan bulchinsa magaalichatti hojjetamaa jiran keessaa ijaarsi proojektiiwwan 31 xumuramuun taajajilaaf banaa ta’uus ibsaniiru.
Proojektiiwwan magaalichatti baajata bulchiinsa magaalichaan hojjetamaa jiran sheediiwwanii, riqicha, manneen barnootaa, daandii keessa keessaa fi daandii dhagaa bocamaa akkasumas daandii asfaaltii ta’uu eeraniiru.
Hojiiwwan misoomaa magaalicha keessatti hojjetamaa jiran keessatti ga’een abbootii qabeenyaa olaanaa ta’uu fi duulli hojii misoomaa marsaa 2ffaa abbootii qabeenyaa hirmaachise guyyaa 15’f turu guyyaa har’aa eegaluu Obbo Eda’oon himaniiru.
Proojektiiwwan magaalaa Galaan keessatti hojjetamaa jiran keessaa proojektiiwwan gosa garaagaraa 51 irratti dargaggoonni hojii dhabeeyyiin dhaabbilee barnoota olaanoo irraa ogummaa garaagaraan ba’an waldaan gurmaa’uun hojjechaa jiraachuu Obbo Eda’oon kaasaniiru.
Jiraattoonni magaalaa Galaan tokko tokko dubbisne sadarkaan hojii misoomaa magaalicha keessatti hojjetamaa jiran jajjabbeessa ta’uu himaniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.