Proojaktoota ummata naannoo Oromiyaa fayyadamoo taasisaan hojjachuuf qophii ga’aan taasifame – obbo Addisuu

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) –Bara 2013tti proojaktoota ummata naannoo Oromiyaa fayyadamoo taasisaan hojjachuuf qophii ga’aan taasifamuu sadarkaa itti aanaa preezdantiitti Qindeessaan Kilaastara hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa ibsan.
 
Baajanni Birrii biiliyoona 4 ol ramaduun manneen barnoota sadarkaa 2ffaa 100 olii fi manneen barnoota bultii 7 ijaaruf sochiin jalqabamuu obbo Addisuun himaniiru.
 
Manneen barnoota sadarkaa 1ffaatti Sirna Gadaa barumsa idilee keessaa galchuuf qophiin xumurameera jedhan.
 
Manneen barnoota sadarkaa 2ffaattis barattoonni filannoo isaaniin Aadaa fi afaanoota biyyaa alaa akka baratanis ni taasifama jedhan.
 
Obbo Addisuun,hojiin ijaarsa dhaabbilee fayyaa jalqabame xumuruu fi sosochiin weerara Vaayrasii Koroonaa ittisuuf taasifamuu cimee akka itti fufa jedhan.
 
Bara haaraa kanatti rakkoowwaan duraan turan furuu fi weerara Vaayrasii Koroonaa ittisuuf hawaasni mootummaa waliin akka hojjatu waamichaa dhiyyeessaniiru.
 
Bara haaraa 2013 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment