Proojaktiin Ityoophiyaa Dhihaa kooriidarii tuuriizimii taasisu ifoome

Finfinnee, Muddee 1, 2012 (FBC) – Proojaktiin Ityoophiyaa Dhihaa kooriidarii tuuriizimii taasisu ifoome

Seenaa mootota Ityoophiyaa keessatti kallattii biyyattii hundumaan bulchaa kan turan keessaa teessoo isaanii Wallagga /magaalaa Naqamtee kan taasifatan masaraan mootii (Dajjaazmaach) Kumsaa Morodaa Bakaree ni argama.

Masaraan mootii Kumsaa waqtichatti masaraa mootii ammayyaa’a ta’uun isaa kan yaadatamudha.

Haata’utii yeroo ammaa kana sadarkaa yaaddessaan miidhaan irraa ga’aa jira.

Kana yaada keessa galchuun ogeessonni tuuriizimii fi hoteelaa Oromiyaa gamtaan qindaa’uun masaraa mootii Kumsaa Morodaa suphuu fi deebisanii misoomsuuf proojaktii qopheessuun socho’aa jiru.

Proojaktiin Ityoophiyaa Dhihaa koriidarii tuurizimii tokko taasisu kun kaleessa Sadaasa 30,2012 galma Abbaa Taayitaa Qorannoo Hambaa fi Eegumsaatti ifoomera.

Madda faayinaansii suphaa Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii FDRI fi mootummaa naannoo Oromiyaatu waliin barbaada.

Suphaan isaa bifa isa duraanii akkaataa eeggateen akka raawwatamu daayreektarri daayreektooreetii qorannoo hambaa fi eegumsaa obbo Hayiluu Waldatsaadiq hubachiisaniiru.

Masaraan mootichaa kun kan hojjetame ogeessota Giriikin bara 1870 akka ta’e seenaan ni hubachiisa.

Masaraan kun bal’ina lafa heektaara 2.5 irra kan buufate yoo ta’u, mooraan isaa balbaloota shan qaba.

Mooraa isaa keessatti manneen tajaajila garagaraa akka laataniif ijaaraman heddun ni argamu.

Kanneen keessaa manni keessummoota biyya keessaa fi alaa simachuuf kan qophaa’e jira.

Kan biroo galma gibiraa, mana maallaqaa, kutaa turtii dhiirotaa akkasumas kan dubartootaa, galma dhaddachaa, kutaan lafa jalaa masaraa mootichaa bakka meeshaawwan kennaa fi galiin gibiraa taa’u, meeshaan waraanaa fi meshaawwan tokko tokko itti kuufamanidha.

Itti aanaan bulchaa godina Wallagga Bahaa obbo Azmaraa Ejeree proojakticha milkeessuuf hojii mata keenyaa godhannee ni hojjenna jedhaniiru.

Dajjaazmaach Kumsaa Morodaa Bakaree bara 1881 hanga 1916 bulchiinsa waliigalaa Wallagaa duraanii mootii bulchan ta’uu seenaan jireenya isaanii ni muldhisa.

Comments (0)
Add Comment